Dhiibbaa Teknoloojiin egeree hawaasa keenya Oromoo irratti fiduuf jiru akkasuma bu’aa isaa!

Moxobii/Xiyyoo barruu:

Akka nama hawaasa isaaf quuqamu tokkootti aggaammii ykn gaaga’ama saba keenyatti dhufuu mala jedhee yaadu mara bifa barreeffamaan katabee ibsachuun filadha. Dhimmi uummataa siyaasa qofa kan ilaallatu miti. Waa’ee saba kee gaafa yaaddu: rakkoo siyaasaa isa mudatee jiru, rakkoolee dinagdee inni keessa jiruuf akkamiin dinagdeen fooyya’uu akka qabu, rakkoo tajaajila hawaasaa saba ofii, rakkoo gaaga’ama eenyummaa fi akkamiin eenyummaa saba ofii gabbisuun akka danda’amu irratti xiyyeeffattee hojjechuutu saba ofii jaallachuudha ilaalcha jedhun qaba akkasidhas. Kanaafuu dhimmoota saba kiyya ilaallatan: Siyaasa, Aadaa, dhimma Afaanii, Dhimma Seenaa, Dingdee fi guutuutti waan Oromoo irratti fuulleffannoon xiyyeeffachuun murteessaa ta’uus ittin amana.

A. TEKNOLOOJII

Barruun Kun anaaf akka tilmaamaafi ta’uu danda’a kan jedhu malee, barnootaa dhimma kanaa baradhee dhimmicha nama qorataa jiru ta’ee miti. Waan na yaadchisu akka dhuunfaatti akkasuma waan hiriyoota waliin irratti dubbannee dhugummaa isaa waliif mirkaneessine malee kan qorannoon mirkanaa’e miti.

Addunyaa Teknoloojiin fagaate keessa jirra. Addunyaa Teknoloojiin fagoo adeeme waliinis waamamna. Fayyadamni Teknoloojii faayiidaas miidhaas qaba. Fayyadamni Teknoloojii biyya keenya keessatti haalaan babal’ataa jira. Keessattuu miidiyaalee hawaasaa kanneen akka: Facebook, YouTube, Telegram, TikTok, Website fi kanneen hedduu hawaasi keenya itti fayyadamaa jira.

Seenaan, aadaan, eenyummaan saba tokkoo akkaatuma jijjiirama saffisaa dhala namaan daddarbaa dhufe. Duratti uummati keenya waan isaa himteedhaan daddabarsaa as gahe. Himtee sanaan asitti ammoo kitaabaan barreeffamaa ture. Kun amma gara Soft Ware tti jijjiiramuun as dhiyoo baayyinaan fuulleffannoon bifa Teknoloojiin akka ol kuufaman (gama Website, Gogle Story fi kkf) sadarkaa taasifamu irra gahamaa jira.

Sabni keenya seenaa akkaan miidhagaa qabaataa kan ture, seenaan sun kan dhiyeenyaan ala kaan haalaan nu dhaloota har’aattillee bifuma Kitaabaanuu hindabarre. Addattuu seenaan Oromoo jaarraa 16ffaan as kan jirutu xiyyeeffatamee katabame maalee, kaan isaa dagatamaniiru.

Gootummaafi aadaan, jechoonni afaan Oromoo isaallee garii hatamaa garii dagatamaa hanguma xiqqoo jechuu kan dandeenyu qaqqabannee jirra.

Biyyootii har’a guddina saffisaa addunyaa kana irraa guddatan yoo ilaalle garuu, kanneen seenaan isaanii bifa hatamuu hindandeenyeen addunyaa dursee katabameedha. Kana yoo fakkeenya fudhanne seenaa Saba Isiraa’elii fi guddina isaanii har’aan wal cina qabnee ilaaluun nii danda’ama.

Sabni tokko seenaan isaa, aadaaf eenyummaan isaa dagatamuun sabichi akka badu kan taasisu ta’uu marti keenya irratti walii galla. Kana hubachuun xiyyeeffannoodhaan seenaaf duudhaalee Oromoo akkaan hawwatoo kana namooti har’a akka ijaajju taasisuu keessatti qooda fudhatan illee ilmaan Oromoo baratanii akka sabaaf baratanitti seenaa himteen as gahes ta’e seenaa hanga har’aa akka duudhaatti qabnu walitti funaanuun kataban ta’uu namuu hinaalu. Asitti barruu kanaan daran galateeffachuu kanin fedhu barreessitoota seenaaf duudhaa Oromoo akkasuma namoota kotaabilee garaagaraa gara afaan Oromootti hiikuun akka sabni keenya dammaqan taasisanii darban guddiseen galateeffadha.

Uummatni ykn sabni tokko Duudhaa mataa isaa nii qaba. Oromoonis duudhaa mataa isaa, amantaa (dhugeeffannaa) mataa isaa qaba. Akkasuma aadaa isa ibsu, aadaalee uffannaa dabalatee aadaalee sirbaa kan gaafa bashannanaaf ittiin wal gootomsuuf ittiin wal galateeffachaa wal dhaadessuuf dhimma itti bahu qaba.

Walleewwan aadaa saba tokkoo darbaan dabarsa dhaloota irraa dhalootatti daddarbaa as gahan. Har’a irra dhaabannee yoggaa ilaallu dhiibbaalee garaagaraan aadaaleen Sirbaa (Welluu), Geerarsaaf, Weedduu, Mararoo fi kkf hedduun du’aniiru. Kunis dhiibbaa Amantaa fi dhiibbaa siyaasaan akka ta’e namuu hinaalu.

Hanbaalee damdamatanii du’a irraa baraaramuun har’a gahan hedduun isaanii bifa Kaasettaan kan nu qaqqaban yoggaa ta’u, baay’een isaanii har’a hawaasa keessatti dhimmi itti bahamaa kan hinjirredha.

Isaan kanneen har’a akkamiin ol kuufamaa jiru jennee yoggaa ilaallu ammoo hedduun Welluu, Mararoo, Sorboota aadaa Oromoo fi aadaa Oromoo calaqisiisanii Kaasetta irraa gara Mimooriitti jijjiiramaa turan. Kun guddina Teknoloojii waliin kan tarkaanfatame yoggaa ta’u, Mimoorii irraa amma ammoo gara YouTube irratti ol kuusuutti darbame.

B. Dhiibbaa Teknoloojii

Akkuman olitti jedhe seenaan bifa kitaabaan qindaa’amee ta’uu male har’a gama soft Ware tti jijjiiramuun, Website, Google Story fi kanneen kana fakkaatan irratti akka ol kaahaman ta’aa jira.

Haala Teknoloojii qofa irratti fuulleffannee Seenaa saba keenyaa barreeffamaan qindeessinee ol kaahuun dhiibbaa fi gaaga’ama dhabamiinsa seenaa sanaa irratti fiduu mala.

Sababaan namootiin Teknoloojii kana tohatan Faranjoota yoggaa ta’an yeroo barbaadanitti haquuf dhabamsiisuu danda’u. Nuti yoo Teknoloojii qofatti amannee waan saba keenyaa barreessinee ol keenye dhamaatiin sun waan yeroo gabaabaatti dhabamuu danda’u waan ta’eef balaa guddaa fida. Balaan inni fidus seenaa qoratamee haalaan qindaa’ee barraa’e sana dhabuu nutti fida. Kanaafuu bifa kitaabaanis bifa Teknoloojiis fayyadamuu baannee, xiyyeeffannoon Teknoojii qofa faana yoo fiigne Galmeewwaan sana carraan akka sabaatti dhabnuu bal’aadha.

Seenaan bifa sagaleen yeedaloodhaan miidhaganii hawaasatti darbaan dabarsa darbaa dhufan kanaan dura uummati dhimma waan itti bahataa tureef hedduun isaanii dhaloota itti aanu carraan qaqqabuu isaa bal’aa ture. Har’a dhaabbannee yoo ilaalle, aadaan Sirbaa, Aadaan Mararoo, Geerarsi fi Kkf kanneen sagaleen dhiyaatanii dhuunfaatti aadaa boonsaa Oromoon qabu ibsan hawaasa keessaa badaniiru jechuu sadarkaan danda’amu irra jiru.

Aadaa saba keenyaa kana deebisuuf tattaaffii dhalootni ammaa taasisaa jiru abdachiisaadha. Keessattuu hanguma odeeffate deemee sagaleen waraabsisee dalagaa kan jiru dhaloonni ammaa, duudhaalee miidhagaan kunneen bifa Teknoloojiin malee bifa egeree dhaloota nutti aananiif wabii qabuutiin darbaa hinjiran. Hedduun isaanii YouTube irratti fe’amaa jiru.

Miidiyaa hawaasaa hawaasi addunyaa itti fayyadamaa jiru YouTube kan tohatu ilma Oromoo miti. Faranjootaaf kaani. Kun ammoo guyyaa tokkotti YouTube Channel sana haquu waan danda’aniif dalagaa akkam bareedu utuu ta’ellee carraan dhibbaa dhibbatti dhalootaa dhalootatti darba jennee abdannu hinjiru.

Wabiin waan keenya kana dhalootatti darba jedhuuf qabnu hinjiru. Kanaaf fakkeenya Channel YouTube #Yaayyaa_Studio dhiyeenya gubatee ilaaluu dandeenya. Kanaafuu qaamoleen Oromoof dhimmamtan dhimma kana fuulleffannaan ilaalaa fala ammumaa barbaadaa adeemuun barbaachisaadha.

C. Bu’aa Teknoloojii:

Teknoloojiin bu’aalee gurguddaa qaba. Haala addunyaa bifa salphaan akka barru nu taasisa. Odeeffannoo wal jijjiiruuf nu gargaara. Daran guddina addunyaa waliin akka tarkaanfannu riqicha ta’a. Boodatti hafummaa dhabamsiisuuf nii gargaara, kunis yoo ofii keenyaafis waa uumuuf kan tattaafannu ta’e. Saba keenya tokkoomsuuf. Bifa salphaan wal argachuuf. Carraa marii halaala teenyee waliin taasisuuf nu fayyada. Madda galiif nii gargaara.

Maayii irratti Teknoloojii bu’aan miidhaas waan qabuuf eeggannoodhaan carraa qabnu gara biraa irratti akka dabalataatti kan itti fayyadamnu yoo ta’e milkaa’oodha. Yoo isuma qofa irratti fuulleffannee, kitaabilee barreessuuf dubbisuu dadhabna ta’e gaaga’ama hamaatti adeemaa akka jirru barruu kanaan himuun fedha.

Leave a Reply