Peresedaantii Eertiraa Isaayyaas Afawarqii irraa muuxannoo biyya ijaaruu akka fudhatan Peresedaantii Somaaliyaa himuun danuu ajaa’ibe.

Gidduu kana guyyoota lamaaf Eertiraa kan turan Pirezidaantiin Somaaliyaa, “muuxannoo Eertiraan biyya ijaaruurratti qabdu qoddachuu” himan

Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohammud, daawwannaa guyyaa lamaa Eertiraatti gaggeessan xumuruudhaan kaleessa gara biyya isaaniitti deebi’uu isaanii, Ministirri Odeeffannoo Eertiraa, Yemaanee G/Masqal fuula X isaanii irratti maxxansa baasaniin beeksisan.

Prezidaantichi, Prezidaantii Eertiraa Isaayyaas Afawarqii waliin waa’ee hariiroo biyyoota lameenii “marii bal’aa fi bu’a-qabeessa gaggeessuu” isaaniis, Yemaaneen eeranii jiran.

Prezidaant Hasan Sheek Mohaammadis gama isaaniin, madda oduu mootummaa Eertiraa ‘Shaabbaayit’ jedhamuuf waa’ee daawwannnaa isaanii gaaffii fi deebii kennaniin, “haala jijjirama fi foyya’insa Somaaliyaa keessa jiru Pirezidaant Isaayyaasiif ibsuuf akkasumas gorsa isaanii dhaggeeffachufan asitti argame. Kanarratti immoo haala biyya shorokeessitoota jalaa walaba gochuun danda’amurratti dabalatee muxxannoo Eertiraan biyya ijaaruurratti qabdu qoddachuuf dhufne,” jedhan.

Gama kaaniin “loltoonni keenya bay’een Eeritraatti leenjifaman. Gocha kana biyyoota muraasaan alatti waan biyyoonni baay’een hin goone Eeritraan nuuf gootettii, sanaafis galata guddaa galchiina,” jechuun dubbachuu isaa VOA’n gabaaseera.

Dubbiin kun garuu namoota hedduu ajaa’ibuu hin oolle. Akka gaanfa Afrikaatti abbaa irrummaan hangafummaa kan qaban Isaayyaas Afawarqii irraa Peresedaantiin Somaaliyaa muuxannoo akkamii qooddatu kan jedhu gaaffii deebii barbaadudha.

Eertiraan biyyoota sarbama mirga namoomaan sadarkaa qabdu, biyya dimokiraasiin tasumaa keessatti hin babal’anne kan uummatni ishee balaa beelaa hamaa keessa jiraatan akka ta’edha kan beekamu. Haalli kun kanaan osoo jiruu Eertiraa irraa muuxannoon qooddadhe jechuun dubbii Peresedaantiin Somaaliyaa dubbate namooti hedduun akka itti qoosan taasiseera.

Leave a Reply