Mul’atnif galmi Godhambaan yaadannoo Aduwaa maal ture?
Dhugaan isa tokkoo awwaalamee isa kaan biratto kijiba kan ta’e, seenessi asoosamaa saba tokkoommoo akka dhugaatti, seenaa dhugaan saba tokkoommoo akka sobaatti ilaalamuun beekamaa kan ta’e Itoophiyaan tibbana diggisii eebba godahambaarratti argamti. Akkuma aangoo qabateen dhimma seenaaf seenessa sabootaa irratti xiyyeeffannoo laatee yeroo hedduu dubbataaf hojjetaa kan ture Abiyyi Ahemad akeekaaf sagantaa qabatee ka’e dhugoomsuuf waan irraa eegamu mara bahataa jira. Waltajjiiwwaan ijoo biyya kanaa yeroo gaggeessus ta’e bakkoota deemu hedduutti dhimmoota rakkoo Itoophiyaa jedhee Abiyyi kaasu keessaa ijoon waa’ee seenaa biyya kana keessatti barsiifamaa turaniiti. Abiyyi Ahemad seenaaf seenessi biyya kanatti barsiifamaa turan hariiroo sabootaa miidheera yaada jedhutti akka amanu nama hubachiisa. Ta’us akkaataan itti waa’ee dhugaa biyyattii keessa jirtuuf hiikaa itti kennuu hedduu tokko nama gaddisiisa.
Itoophiyaa keessatti seenessi dogoggoraa hin jiru jechuu keenya osoo hin taane kallattiin namni kun qabatee deemaa jiru dogoggora ta’uu hubatamuu qaba.
Haasaawwan isaa yeroo hedduurraa akka hubatamutti ilaalchi Abiyyi Ahemad Oromoon seenessa dogoggoraa barsiifamaa ture. Kana jechuun waa’een seenaa Aanolee, Seenaa Calanqoo fi kaawwan seenewwan dhugaa biyya kanatti Oromoo irra gahaa turanii soba yaada jedhutti dhaloota geessa. Faallaa yaada kanaa Asoosama Dabtaraan Amaaraa katabaa ture dhugoomsuun seenaawwan Abbootii irree biyyattii bitaa turanii kan barreeffame haqa ta’uu, Saba Oromoo jumulaan ajjeesuun Itoophiyaa ijaaruuf ture kan jedhu dabalatee seenaawwan akkanaa seenaa haqaa akka ta’etti ibsa.
Haala kamiin labtni har’aa yaada nama kanaa amanee akka waliin gulufu namaa hin galu. Addatti barreessitoota Oromoo fi Activistoota akkasuma wellistoonni Oromoo illee osoo hin hafin ergamni Abiyyi Ahemad seenaa Oromoon barataa wal barsiisaa as gahe dhabamsiisuuf taasisaa jiru waan gaarii akka ta’etti harka reebuun isaanii guddoo nama gaddisiisa.
Mul’aanniif galmi ijaarsa goda-Hambaa duuba jiru seenaa Oromoon baroota dheeraaf katabataa as gahe, balaawwan saba keenya quunnamaa turan kanneen barreeffamaan ta’anii jiraniif barreeffaamaan ala illee dhaloota barataa as gahe dhabamsiisuudha. Kanaafis tooftaawwan dhimmi itti bahamu namoota Oromoo hedduun nii hordofa, waan isaan jedhan nii dhaga’a jedhee yaadu kan salphaatti maallaqaan bitamuufii danda’u bituun wantoonni deemaa jiran bal’aan argamaa jiru.
Isaan kunis ergamni itti kennamu hojiiwwan seenaa dhugaa Oromoo awwaaluuf kallattiinis ta’e al kallattiin Abiyyi Ahemad hojjetu bareedaa ta’uu isaa akka barreessan, hojii guddina biyya kanaaf bu’aa buusu ta’uu akka lallabaniif kaahaman. Inni immoo Siidaawwan Abbootii irree haaressuu dabalatee godahambaa hojii isaanii yaadachiisu hojjechuutti fuulleffate.
Kanaanis sagantaa Seenessa Waloo ijaaruu jedhu keessatti qabatee jiru galmaan gahuu kan jedhudha. Yaada kana bu’uura irraa milkeessuuf hanga manneen barnootaa keessatti gadi buusee hojjetaa kan jiru yoo ta’u, jeeqama mooraa barnoota Itoophiyaa keessaa ammaaf illee bu’uurri kana.
Sirni baruuf barsiisuu hundi jijjiiramuun kan barbaachiseef rakkoo Itoophiyaa ammaaf sababaan yaadota manneen barnootaa keessa barsiifamaa turan akka ta’etti ilaalameeti.
Galmi yaada kanaa waggoota 15 booda milkii barbaadame argamsiisuu danda’aan hawwiif sagantaa Abiyyi Ahemad ta’uu hubatama. Kun ta’ee garuu dhuguma akka yaadame kanatti laalaa bubbule, laalaa kulkule kan Oromoon jaarraa tokkoo oliif baatee jiru haqee, akka waan humaa saba keenya irra hin geenyetti fudhatamaafiin gaaffii yeroon deebisudha.
Sagantaawwan guyyaa kaleessaa eebba Goda-Hambaa jedhamuun taasifamaa ture bu’uurri isaa asii akka ka’e barruu kanaan yaadachiisuu feena. Bulchitoonni durii kanneen akka Minilik, Hayilasillaasee fi kaan Oromoo miidhaniiru kan jedhu soba yaada jedhu gabbisuuf wantoonni gola PP keessaa burqaa jiran hangam yeroof maallaqa guddaan deemaa akka jiran hubachuun barbaachisaadha.
Saba kana dirqamaan seenaa isaa harkaa gatuun hin danda’amu jechuun adeemsa keessa Oromoon madaa kulkulfataa yoona gahe akka dagatu taasisuuf kan hojjetamaa jirudha. Siidaawwan qaamota kaleessa Oromoo lafarraa daguugaa turaniis qaaniif sodaa tokko malee haareessuun kaanuuf ammoo haaraa ijaaruufin yaada kana galmaan gahachuuf ta’uu beekamuu qaba.
Kaayyoon ijoo Abiyyi Ahemad amma qabatee jiru Itoophiyaan seenaa tokko qabdu, biyya tokko taateef afaan tokko dubbattu uumuu kan jedhudha. Afaan inni filatee adeemaa jirus afaan Amaaraa yoo ta’u ragaa ta’uuf goda Hambaa eebbifame jedhamu keessaa ijji qubee afaan Oromoo akka hin jirre ta’uu isaati.
Walumaa gala diggisiin eebba goda hambaa jechuun taasifamaa jiru hawwaasa Oromoo kan miidhu, seenaa isaa kan harkaa gatuuf deemu, saba kana tooftaan dadhabsiisuuf kan kaayyefate ta’uu hubachiisuu feena.