Mootummaan Itiyoophiyaa seenaaf duudhaa Oromoo dhabamsiisuuf hojjetaa jiraachuu ifatti agarsiisaa jira.

Hawwaasni Oromoo seenaa barootaaf wal barsiisaa walii himaa as gahe akka gatu, seenaaf duudhaa isaa gatee seenaa dogoggoraa akka fudhatu taasisuuf mootummaan Itoophiyaa sirna PP ammaa haalaan hojiitti seenee jira. Kana dhugoomsuufis wantoota adda addaa hojjechuutti fuulleffateera.

Seenaa qabatamaa Oromoo irra gahe akka waan Asoosama ta’eetti ibsuu dabalatee, wantoota Oromummaa calaqqisiisu jedhee yaadu dhabamsiisuuf hojiin hojjetamaa jira.

Tibbana Leenjii barsiisotaa jedhamuun seenaa Minilik gaarii fakkeessanii barsiisuu dabalatee wantootni gola mootummaa keessaa dhagaa’amaa jiran daran hawwaasa dheekkamsiisaa jira. Qondaalli olaanaa mootummaa kanaan dura WBO dhabamsiisuuf Oromoo lafarraa xaraguu barbaachisa jechuun kallattiin dubbataa ture obbo Fiqaaduu Tasammaa miilana ammoo seenaa Aanoleef Calanqoo seenessa qeenxee jechuun osoo waltajjii gaggeessuu sagaleen waraabame miidiyaaleen qoodamaa jira.

Obbo Fiqaaduu Tasammaa dhimma seenessa Waloo jedhu irra deddeebiin kan kaasan yoo ta’u seenessa Waloof ammoo Minilikiin faarsuun leellisuun akka furmaata ta’etti ibsuu yaalan. Seenaan miidhaa Minilikiin Oromoo irra gahe jedhamu akka waan soba ta’ettii ibsaa, gaarumma nama kanaa ammoo balballoomsuun Oromoon nama lafarraa isa daguuguuf hojjetaa ture kana akka dhaadessuuf hojiin hojjetamaa jiru akkaan guddaa ta’uu isaatu hubatama.

Yaadni Itophiyaan seenaa Waloo ishee barbaachisa jedhu MM Itoophiyaa Abiyyi Ahemad kan irra deddeebiin dubbatamaa ture yoo ta’u, seenessa Waloo ijaaruuf ammoo diina Oromoo faarsuu akka furmaatatti hojjetaa jiru.

Dhimmoota seenessa waloo jedhan kana dhugoomsuuf Godambaa yaadannoo Aduwaa hojjechiisuu akkasuma abbootii irree durii kanneen akka Minilikiif akkasumas Hayila Sillaaseef siidaa tolchuun akkaan hojjetamaa jira.

Leave a Reply