Kibba Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti ilmaan Oromoo ajjeefamaa jiraachuun gabaafame.

Godina Gujii Lixaa Aanaa Birbirsa Kojowaa Ganda Daarsaa Edderaa jedhamuun beekamtu keessatti Waraanni Mootummaa maqaa sakkata’iinsa jedhuun callisanii dhukaasa dhukaasaa osoo deemanuu lubbuu qonnaan bulaa tokkoo dabarsan jechuun maddeen achuurraa gabaasan.

Ajjeechaa kanas nama maqaan isaa Uddeessaa Chaarinnat jedhamurratti raawwatamuuf loltoonni mootummaa ajjeechaa kana raawwachuu himameera.

Ajjeechaan kun dhukaasaa sakkatta’iinsa WBO jedhamuun dhukaafameen kan raawwate yoo ta’u, namni maqaan isaa eerame kun mataa keessaa rukutamee du’aan isaa iddoo lafa qonnaa keessaa argamuu maddeen keenya naannicha irraa nuuf gabaasan.

Gabaasuma wal fakkaatuun Kibba Oromiyaa Godina Booranaa Aanaa Dhaas keessatti namni maqaan isaa Roobaa Godaanaa Dabbasaa jedhamu gaafa Gurraandhala 19/06/2016 Magaalaa Dhaasitti yaaliin ajjeechaa irratti raawwatame, ta’us lubbuun isaa hafuun yeroo ammaa Hospitaala Moyyaaleetti yaala irra jiraachuu caqafame.

Akka maddeen keenya naannicha irraa nuuf gabaasanitti yaaliin ajjeechaa kun hojjattoota mootummaa magaalaatti keessatti aangoo qabanuun kan raawwatameedha.

Oromiyaa keessatti Lola WBO waliin gaggeessaa jiruun baraguun waraanni mootummaa ajjeechaa gara jabeenyaan guutame hawwaasa irratti raawwachuu hammeessanii jiran. Guyyaa irraa gara guyyaatti gaaga’amni ajjeechaaf hiraarsaa hawwaasarra gahu dhagaa’amaa jira.

Leave a Reply