Kaaba Oromiyaa Wallootti haleellaa Faannoon gaggeessaa jiruun namooti hedduun ajjeefamaa akka jiran himame.

Humnoonni Faannoo haleellaa ilmaan Oromoo irratti raawwataa jiraniin miidhaa guddaa geessisaa jiraachuu gabaasaaleen ifoomsan. Yeroo ammaa kanatti Oromoon Walloo soonarra osoo jiruu lola itti banameen ajjeefamaa akka jiru eerameera.

Lolli gidduu kanaa kan duraa ol ta’uu isaa kan eerame yoo ta’u, uummatni guyya guyyaan aarsaa kaffalaa akka jiru himame.

Faannoo alattis loltoonni mootummaa uummata ajjeesaa akka jiran marsaa miidiyaa hawwaasaarraan qoodamaa jira. Akka kanaan Raayyan Ittisa biyyaa dargaggoo Sayyid Mohaammad dabalatee namoota sadi ajjeesuu caqafameera.

Walloo Aanaa Jiillee Dhummugaa daangaa gandoota Xuquree Gooroo Wadaawoo, Baalcifi Mudhii Facaatuu fi iddoowwan birootti lolli jabaan gaggeeffamaa jira jedhame.

Oromoonni Walloo osoo hin nyaatiin garaa qullaa diinaan lolaa jiru kan jedhu gabaasichi Fannoon yeroo eeggatee haala soomaa kanaan hawwaasa irratti lola banuun miidhaa dhaqqabsiisuu himameera.

Lolli Oromoo Walloo fi humnoota Amaaraa gidduutti gaggeeffamu haaraa ta’uu baatus kan miilanaa deggarsa qaama mootummaan kan guutame ta’uu isaafi haala hawwaasni ofiifuu soomaan jirutti ta’uun isaa uummati akka of hin ittisne danqaa ta’uu barameera

Kanaa alattis uummati kun rakkoo nyaataa fi bishaan isa mudataa jiruun beelaaf dheebuun humna kana waliin wal lolaa akka jiru caqafameera.

Leave a Reply