Guyyuma MM Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahemad beelaan biyyattii keessaa namni du’e hin jiru jedhanitti, dhaabbanni nyaataa addunyaa beela biyyattii akka yaaddessaa dhufe caqase.
MM Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahemad tasumaa waa’een beela Itoophiyaa akka dubbatamu waan fedha qaban hin fakkaatan. Biyyattii keessaa takka waa’een beelaa dhaga’amee bakka hin beekne osoo hin hafin amma beelli bakkayyuu himamaa jira.
Kun garuu akka dubbatamus ta’e ajandaa ta’u fedhii mootummaa Itoophiyaa hin fakkaatu. Tarii tibba darbe badhaasa FAO irraa argataniif ta’uu malaaf dhiiseen isaa beekamuu baatus guyyaa kaleessaa wayiita mana maree bakka bu’oota uummataaf deebii kennaa turanitti Itoophiyaa keessaa namni Beelaan du’ee akka hin jirre ibsaniiru.
Gabaasi guyyuma kaleessaa bahe garuu yaada kana faalleessuun Itoophiyaatti wabiin nyaataa hammaataa dhufuun dhaabbanni nyaataa Mootummoota Gamtoomanii nyaata geejjibsiisuu daran dabaluu hime
Beelli hamaan guutummaa kaaba Itoophiyaa keessatti yeroo jabaataa jirutti, Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP) “balaa namoomaa guddaa” hambisuuf torban dhufan keessatti gargaarsa lubbuu baraaruu namoota miliyoona sadiif geessuuf tattaaffii taasifamu cimsee akka jiru ejensichi Kibxata kàleessaa beeksiseera.
“WFP, michoota keenya waliin ta’uun, kurmaana jalqabaa waggaa kanaa keessatti lammiilee Itoophiyaa miliyoonaan lakkaa’aman balaa beelaaf saaxilaman bira ga’uuf nuffii malee hojjechaa jirra, kunis balaa namoomaa guddaa akka hin mudanne gargaara,” jedhan Itoophiyaatti Daarektarri Yeroo ejensichaa Kiriis Nikoi.
“WFPn kaaba Itoophiyaa keessatti wabii nyaataa hammaataa dhufuun garmalee yaaddoo qabu ibsuun, kunis bakka namoonni hedduun duraanuu beela hamaa isaan mudachaa jiru,” jechuun cimsanii dubbataniiru.
Ejensichi dhuma bara 2023 irraa eegalee Itoophiyaa keessatti hojii isaatiif mala geejjibaa cimaa ta’e hojiirra oolchuun, uummata sababa hongee, lolaa fi walitti bu’iinsaan beela’ee miidhameef gargaarsi nyaataa murteessaa ta’e dhiyeessuuf hojjechaa akka jiru hime.
Hojiin baqattootaa dhaabbata nyaataa kun murteessaa ta’uu dhaabbatichi gabaaseera. Waldhabdeen Sudaan keessatti Ebla bara 2023 eegale irraa kan ka’e baqattoonni Sudaan kanneen 200,000 ta’an illee Itoophiyaa keessa akka jiran caqase. Isaan kana dabalatee gargaarsi namoomaa guddaa ta’e akka isa barbaachisu kaase.
WFP’n hanga ammaatti naannoo Affaar, Amaaraa, Tigraay fi Somaalee keessatti namoota Beelaaf baay’ee saaxilamoo ta’an gara miiliyoona 6.2 galmeessee jiraachuu obbo Nikoi ibsaniiru.
Dhuma torbee darbee ejensichaa fi Mootummaan Itiyoophiyaa beela kaabaa keessatti dabalaa dhufeef deebii kennuuf maallaqa hatattamaa akka argatan waamicha waloo dhiyeessan.
Hanga har’aatti namoonni miliyoona jahaa ol ta’an naannolee dhibee kanaan miidhaman hunda keessatti nyaataa fi maallaqa argachaa jiru, garuu qaawwi guddaan akka jiru OCHAn Jimaata akeekkachiiseera.
WFPn jalqaba baatii Muddee keessa raabsa nyaataa erga jalqabee as namoota miliyoona 1.2 naannolee sana keessa jiraniif geejjibsiisee jira, torban dhufan keessatti namoota miliyoona sadii bira ga’uuf kan yaadamee yoo ta’u, isaan keessaa miliyoona lamatti kan siqan Tigraay keessatti argamu.
Haa ta’u malee, ejensichi hanga Waxabajjii 2024tti namoota baay’ee saaxilamoo ta’an bira ga’uu fi gargaarsa geessuu fi hongeef deebii kennuu akka danda’uuf, kuusaa nyaataa biyyattii keessaa qabu guutuuf doolaara miiliyoona 142 akka barbaadu caqase.
“WFPn maallaqa dabalataa yoo hin arganne, ji’a Eblaa keessa baqattootaaf nyaata raabsuu dhaabuu qabna,” jedhan Obbo Nikoi.
Galmi waliigalaa namoota miliyoona 7.2 keessaa dhibbeentaa 40f gargaarsa nyaataa kennuudha, yoo qabeenyi jiraate, mootummaa fi michoonni biroo ammoo kanneen hafan ni deeggaru jechuun WFP ibseera.
Deebii ejensichaa keessatti waanti ijoo ta’e gargaarsa namoomaa irraa gara sagantaa dandamachuutti ce’uudha.
Kanaafis, WFPn bara 2024tti hojiiwwan jireenyaa fi sirna nyaataa Itoophiyaa cimsan, lafa jallisii fi hariiroo gabaa fooyyessuu akkasumas muuxannoowwan gaggaarii qonnaa fi sassaabbii boodaa irratti leenjii kennuu dabalatee namoota miiliyoona 1.4 bira ga’uuf kaayyeffateera jechuun Mootummootni Gamtooman beeksisaniiru.
Mootummaan Itiyoophiyaa of irra darbee waggoota muraasa gidduutti qamadii alatti erguu eegale jechuun badhaasni laatamee torban osoo hin bulin yaaddoon beelaa gabaafamuu isaati