Gadaan waa hunda. Sirni Gadaa sirnaafi seera Oromoonni ittiin walbulchu, kan duulee roorroo ofirraa ittisu, kan dinagdee isaa ittiin tikfatuufi dagaagfatu, akkaata inni itti waliin jiraatuufi kan hawwiin dhala Oromoo hundaa ittiin guutudha.
Hoggantoonni Gadaa biyya irra adeemanii araddaa araddaa keecha qubachuudhaan dhimmoota adda addaa irratti mariyachuun Murtii dabarsu. Bulchiinsa murtaa’ee daanga’ee jiru keechatti bulchiinsa gaarii tolchu. Diinni daangaa sana akka hin seenne ittisu. Akka fakkeenyaatti Abbaan Duulaa miseensota sadarkaa kuusaa (qondaala) leenjisee duulaaf qopheessa. Bakka bu’oonni saba Oromoo akka saglii fi shaneetti of ijaaranii dhimma bulchiinsaa , siyaasaa fi dingadee yookiin dagaaginaa irratti hojjetu.
Abbootiin Gadaa Fiixee
- Koree Gadaa waamuu, walitti qabuu
- Marii, dubbii walgayii irratti godhamu ni hoogganu, ni to’atu.
- Hundee ijoo dubbii, Gumiin irratti walii gale gabaabsee miidhagsee ibsa kenna.
- Haala ilaalee murtoo fudhatama qabu dhiheessee Yaada mara.
- Namoota dubbii fudhachuu didanii mufatan karaa adda addaa itti dhihaatee, eebbaan, sossobbiidhaan araarsuu yaalu.
Abbootiin Gadaa keenya darban maal hojjetaa turani nuti warri amma jirruhoo maal hojjetaa jirraa?
Sabakoo Oromo, duula Bilisummaa Sirna Gadaa jalatti taasifamaa ture wal haa Yaadachiifnu.
Roorroo barootaaf oromoorra ture ittisuuf goototaa fi Hayyoota hedduutu wareegame. Sababa kanaanis oromoon hedduunisaa manaa fi biyya abbaa Ofii gadilakkisee kan qabu waan qabu gatee lubbuu isaa olfachuuf gara biyyoota garagaraatti godaane. Ammas godaanuutti jira. Roorroo bara 1270 irraa eegalee hanga jaarraa 15ffaatti irra ture jalaa bahuu fi ofirraa ittisuuf oromoon mala dhahachaa ture.
Keessattuu bara Gadaa Gadawoo Galgaloo oromoon biyya isaa falmatee deebifachuuf akka mijatutti of ijaaruun barbaachisaa akka ta’e itti amanuun hawaasa umuriin ijaare, akka umuriisaatti dirqama itti hiruun mala haaraa baasee bobbaase.
Akka oromootti Gadaan keecha jiru Gadaa itti roorroon oromootti hammaatedha.
Gadaan Meelbaa bara 1522-1530 ture uummata bara saddeet saddeetiin qoodee namoota waggaa 8 fi 80 gadi jiranitti dirqama addaa addaa kenne.
Bara Gadaa Meelbaatti kan oromoon Abbaa duulaan of ijaaree akka kanaan duraa yeroodhuma diinni itti dhufu ofirraa ittisuu qofa dhiisee biyya ofii deebifachuuf akka waraana qaroomeetti hirriiree loluu eegale.
Bara Gadaa Muudanaa seera jajjabaa lama tumatanii socho’aa turani, tokkoffaa lubni hundi akkuma aangoo qabateen akka duulu lammaffaammoo lubni hundi osoo lafa dabalee hin misoomsiin meedhicha akka hin hidhanne jechuun mo’icha Gadaan Meelbaa fide itti fufsiisan.
Barri Gadaa kiloolee humnoota habshaa fi faranjii meeshaa ammayyaatti fayyadamani lolaa turan waan ta’eef gadaa Dhugaa lole jedhani
Bara Gadaa Michillee seerota sadii baasanii labsuudhaan hojii irra oolchani.
- Namni diina ajjeefne akka hin fuune, akka rifeensa mataa isaa hin haadanne
- Namni ganna 8 olii fi 80 gadi Lola keessatti godhatu
- Waraanni Fardaan lolu hedduun leenjifamee akka bobba’u seera jedhu, iddoo fagoo deemee akka lolu isa taasisuun lafa bal’aa qabatani.
Gadaan Harmuufaa mo’icha jiru tursiisuun Gadaan hogganaa tokkoon socho’aa ture bal’ina isaarraa kan Ka’e Gadaa Baarentuu Harmufaa fi Booranatti Gadaa hambisaatiin akka hoogganamu gochuun Gadaa Roobaleetti dabarsanii kennani.
Gadaan Birmajjii Barentuu fi Booranaa diina akka malee muddee qabuun lafa Fardisaa seenu hunda qabate.
Gadaan Mul’ataa baarentuu fi booranaa bakka fardasaaf mijaa’u hunda keessa gulufee, tooftaa garagaraatiin diina ajjeese.
Haaluma kanaan yeroo ammaa kana saba keenyaaf, Hayyoota barnootaa keenyaaf, Hayyoota Gadaaf Abbootii Gadaatiif waanan dhaamu :-
Gadaan furmaata qaba. Koottaa nu faana yayyaba kana yayyabadhaa. Wal taanee Seera tumannaa dhihaadhaa. Hojiirra oolchinaa qophaa’aa.
Jaarraa 21ffaa keecha Nuti akkamitti saba keenyarraa roorroo ittisuu dadhabna? Akkamitti daangaan saba keenya tuqamee nama keenyarraa mormi murama.
Gahee keenya haa bahannu.
Gadaan furmaata.
Horaa deebana.