(Muummee Seenaa)
Afrikaan biyya gurraachootaati. Gurraachi Afrikaa Oromoo dabalatee, Ardii isaa Afrikaaf naatoof marartee qaba. An gurraacha miti jedhees hinaalu. Ani sanyii warri adiiti, ani sanyii Solomooni jedhee seenaa isaa dhugaa dhoqqee halagaan hinfaalu. Faallaa kanaa godaantoonni ardii biraa irraa gara Afrikaa dhufan, dhaadannoowwan “nuti sanyii solomooni, biyya bulchuufis waaqati aangoo nuu kenne!” Jechuun lallabataa turan. Ardiin Afrikaa akka ardii isaanii hintaane dubbiin kun ragaa baati jechaadha.
Kitaaboleen seenaa Oromoo gadi fageessanii barreessan baay’een jiraachuu baatanis, erga haqaaf dhugaan uummata Kuush katabamuu eegalee waa’ee Oromoo seenaan Coreen wal walitti dabalamuun barreeffamaa turaniif itti jiran haga tokko lafa kaahaniiru.
Oromoon qubsuma isaan Kaaba Baha Afrikaa irraa ka’uun gara kibbaaf gara Lixaatti taasisaa turuu seenaatu ragaa ba’a. Kunis lola Eenyummaa isaa balleessuuf irratti banamuun, lola humnootiin Habashaa fi Agi’aaziyaan deggarsa Arabootaa fi deggarsa Awuuroophaan irratti gaggeessaniin dhiibaa as gahuu ragaa bahama.
Akka seenaan barreeffamaa jedhutti Jaarraa 14 dura biyyi Arabiyaa Kibbaa beelaan rukutamte. Wayiita kanatti biyyi Kushootaa (Oromootaa) jireenya qananii qabu. Beela Arabiyaa kibbaa rukute baqa uummati Arabaa biyya Kushitti godaanuu jalqaban.
Gaafa biyya Kushootaa dhufanis Loon Tiksuu fi hojii qonnaa irratti uummata Kuush (Oromoo) gargaaraa turan jedha kitaabileen seenaa.
Araboonni biyya isaanii beelaan rukutame gadhiisanii as ce’uun itti fufe. Booda irra humni guddaan biyya Arabaatii maqaa “Agi’aaziyaan” jedhuun ijaaramee biyya Kushootaa weerare. Agi’aaziyaan jechuun “bilisa baastota” kan jedhu akka ta’e seenaan dhuftee Agaazii eera.
Uummata Kuush nagaan jiraachaa ture waraanaan gooluuf nagaa dhowwachuun cimee itti fufe. Warreen biyya Arabaa irraa as ce’an kunneen suutuma suuta bulchiinsa naannoo dhuunfatan jedha. Lola Agi’aaziyaan kanaan mootiin Kuusaa (Kuush) guutummaatti barbadaa’uu itti fufe.
Bara sanatti bulchiinsa warra Kuusaa kan bulchaa turan Oromootaa fi Daamotoota ta’uus seenaan nii eera. Oromoof Daamot obbolaadha jechuudhaan illee kitaabni Kudhamaa Seenaa jedhu kan Leellisaa Aadaa Bantiin barreeffame lafa kaaha.
Dr. Laphisoon kitaaba isaa seenaa Ethiyoophiyaa jedhu keessatti “bulchiinsi bara weerara Agaazi’aan sanaa kan warra Daamoot ture” jedha.
Lola Seemetikoonni Kuushota irratti gaggeessaniin biyya isaanii irraa buqqa’uun uummati Kuush (Oromoof gariin) gara Nuubiyaa fi Kibbaatti godaanan jedha seenaan. Irra jireesaan ammoo Oromootiin dhuftee isaanii ganamaa Nuubiyaa keessaa gara Meeroweetti baqatan jechuun ibsa kitaabni seenaa.
Adeemsi Oromooti Raayyaaf Walloo har’a biyya isaanii ganamaatti hafanis seenaan dhimma weerara lola Oromoo irratti adeemu kanneen damdamatanii baqachuu didanii biyyuma isaanii qabatanii hafan akka ta’e lafa kaha. Malee Oromootiin Raayyaa fi Walloo kibbaa ykn lixa Itiyoophiyaatii gara Kaabaatti deemanii qubatan hinjedhu.
Warri Absiiniyaa buufata galaana diimaa cina jirtu, kan Adulaas jedhamtu Kuushoota irraa buqqaasanii dhuunfatan jedha. Erga Adulaas dhuunfataniis daandii daldalaa Oromoon ykn Kushootni warra Arabaa waliin qaban nii kutan.
Kana malees dhuftee isaanii kan ta’e biyya Arabaa irraa meeshaa waraanaa ergifatanii Oromoo waraanaa turuu kitaaboleen seenaa nii eeru.
Hogganootiin Absiiniyaa ykn Agiiziyaan yerosii mootii Izaanaa yookan Abriha ture jedhama. Mootiin Izaanaa uummata Kuush hanga Meeroweetti adeemee akka rukutaa ture ragaan seenaa nii mirkaneessa.
Yeroo kana keessa karaa Kaabaa Awuuroopaanonni Giriikii fi Roomaan karaa Gibxi ammoo Misir uummata Kuush irratti lola bananii gadi dhiibaa turuu fi garboonfataa akka turan Kudhaama Seenaa keessatti barreeffamee jira.
Adeemsa kanaan warri Absiiniyaa (Habashaa) aadaaf duudhaa uummata Kuush mancaasaa lola Eenyummaa uummata Kuush balleessu irratti gaggeessuun jaarraa 14 keessa Oromiyaa har’aa ykn Itiyoophiyaa akka gahan seenaan barreeffamaa lafa kaha.
Jaarraa kana keessa Oromootiin qubsuma Qaalluuf Abbaa Gadaa Odaa Nabee taasifachuun falmataa akka turanis kitaabni Kudhaama Seenaa nii eera.
Poortugaalonni Absiiniyaa gargaaruuf yeroo jalqabaaf bara 1533 ykn bara 1541, Adooleessa 15 hanga 25 Mitsiwwaa irraa gara Dubaruwwaatti socho’an jedha. Kunis humnootiin Absiiniyaa (Habashootiin) amantaa dhuftee isaanii biyya Arabaa san dhiisanii, waan amantaa Kiristaanaa leellisuu irratti xiyyeeffataniif gargaarsi meeshaa waraanaa biyyi arabaa gootuuf irraa cituu irraa kan ka’edha.
Erga Arabootiin meeshaa waraanaa sababa amantaaf gargaaruu dhiisanii, Habashootiin biyyoota Awuuroophaa irraa gargaarsa meeshaa waraanaa kadhatanii Oromoof saboota Kuush irratti lola adeemsisan cimsanii itti fufan jedhu qorattoonni seenaa.
Oromootiin hanga jaarraa 18ffaatti sirna gadaan wal gaggeessaa bilisummaa isaan jiraataa akka ture himama. Haa ta’u malee humni Awuuroophaa akkuma Habashoota cimsaa dhufeen lolli gurguddaan Oromoo irratti Habashaan adeemuu itti fufa.
Teewdroos gargaarsa Meeshaa waraanaa biyyoota Awuuroophaa irraa argateen Oromoo Gondar, Walloo fi Raayyaa keessaa irratti duula daguuggaa sanyii raawwate.
Teewdros ilmaan Oromoo kitilaan lakkaa’aman mana hidhaa keessatti qalee fixeera. Gochaawwaan suukanneessaa uummata keenya Oromoo irratti raawwate hanga ammaa sabni keenya Oromoon kulkulfataa jiraanna.
Gootonni shamarran Oromoo Mastaawot fi Warqituun lola Teewdros dura dhaabbatanii weerara jallinaa sana qolachuuf waraana itti gaggeeffame sanaan Teewdroosiin ajjeesanii humnoota Habashaa meeshaa ammayyaan dhaadatu gootummaan lolanii qaaneessaniiru.
Lola sana injifatanii Teewodros haa dhabamsiisan malee, bu’aaf furmaata waaraa Oromoon barbaadu argamsiisuu hindandeenye. Kun ammoo loogii biyyoota Awuuroophaa sababa Amantaaf humnoota Habashaaf aangoos ta’ee meeshaa waraanaa Takle Goorgisiif laatan. Humni Takle Goorgis wayiita sanatti bittinnaa’ee ture. Humna kanaaf biyyootiin Awuuroophaa Ingilizoonni gargaarsa meeshaa taasisanii aangoos laataniif. Kanaanis 1868-72 Takle Gorgis bulchuu danda’e.
Itti aansuun kan aangoo qabate Kaasaa dha. Kaasaan ykn Yohaannis IV ture. Namni kunis akkuma aangoo qabateen lola fakkaataa Oromoo irratti gaggeesse. Uummata Oromoo Walloo, Raayyaa irratti duula daguuggaa sanyii adeemsise. Yohaannis IV gargaarsa Ingilizootaan meeshaa ammayyaan Oromoo lolaa akka ture ragaan seenaa hima.
Osoo Oromoo irratti duula daguuggaa banee jiruu karaa dhihaan Maahandistoonni lola itti bananii Maatammaa irratti mataan isaa irraa citee Hundurmaan geeffame.
Yohaannis booda biyyattii kan qabate Minilik II ture. Akka barreeffamni seenaan jedhutti Minilik bara 1868 fi 1900 meeshaa waraana biyyoota Awuuroophaa irraa hedduu argate. Qawwee 500,000 fi rasaasa 20, 000,000 Faransaayi irraa argate. Ingilizii irraa ammoo Qawwee 15,000 fi rasaasa 5, 000, 000 fudhate. Xaaliyaanii irraa Qawwee 50,000 fi rasaasa 10,000,000 akkasuma Raashiyaa irraa Qawwee 150,000 fi rasaasa 15,000,000 argate. Kana malees qaaruxeewwan (Tika) fi ogummaa waraanaa kan qaban biyyoota Awuuroophaa irraa fudhatee dhimma itti bahateera jedha kitaabni Gadaa Melbaa fuula 59 barreeffama Darkwan bara 1975 wabeeffachuun.
Meeshaa waraanaa kunneen hundi lola Eenyummaa Oromoof Kushoota kaanii ballesssuuf kan dhimma itti bahame ta’u ragaan seenaa nii hima. Meeshaa waraanaa kanaan Oromoo dabalatee saboota Affaar, Sidaamaa, Somaalii fi saboota hiddi isaanii maatii afaan Naayilootik ta’e waraanee garboonfate jedha seenaan.
Weerara Minilik kanaan, lola Oromootti banameen kanneen ajjeefamaniif biyya isaanii jiraachuu dadhabanii garba ta’anii gurguraman waliin yeroo sanatti Oromoon baayyinaan walakkaa gadi xiqqaate. Oromoon yeros miliyoona 10 ta’u lola Minilikiin miliyoona 5 tti gadi bu’e jedhu qorattoonni seenaa. Kana jechuun Oromoo miliyoona shan ajjeesee kaan biyyoota garaagaraatti gurguree daguuggaa sanyii raawwachuu isaa ragaa ga’aadha.
Gaafa Fulbaana 6, 1889 qofa Oromoon Arsii keessatti baayinni isaa kuma kudha lama (12,000) ta’e lola Minilik kanaan bakka tokkotti ajjeefamuu kitaabni Gadaa Melbaa nii ibsa.