Itoophiyatti ayyaanni Qillee ykn guyyaan yaadannoo dhaloota Iyyasuus Kirisyoos sirnoota garagaraatiin kabajame
Itoophiyaa keessatti lakkoofsi baraa akkuma kan addunyaa duuba deemu, guyyaan illee duddubatti harkifata. Kanaaf sababaan mana amantaa Ortoodoksii ta’uu kan eeramu, akkaataa seera mana amantaa san keessa tureen ayyaanotaaf lakkoofsi baraa ka’amuu isaati kan eeramu.
Tibbana addunyaan kana dura kabajjee kan dabarte guyyaan dhalachuu gooftaa Yesuus Kiristoos kaleessaaf har’a Itoophiyaatti kabajamaa jira. Ayyaana kanaan kanneen ayyaana Qillee jedhanis jiran. Ayyaanni Qillee tapha Qillee Oromoon achii as dhufa gaggeessaa ture awwaaluuf kan moggaafamedha kan jedhan jiran.
Ayyaanichi Itoophiyaa dabalatee biyyoota akka Eritiraa, Masrii, Raashiyaa, Sarbiyaa, Beelaarus, Moonteenegiroo, Kaazaakistaan, Israa’el, Bulgaariyaa, Maqidooniyaa, Joorjiyaa fi Moldoovaa keessatti kabajamee jira.
Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa guyyaa kana guyyaa yaadannoo dhalachuu Iyyesuus Kiristoos itti yaadatan yoo ta’u, sirna kadhannaa dabalatee sirnoota garaa garaan kabajatu.
Ayyaanni kun Ayyaanota Itoophiyaa keessatti kabajaman keessaa isa tokkoo fi sirnoota garaa garaanis kan kabajamudha.
Sirnoota Ayyaana guyyaa dhaloota Iyyasuus Kiristoositti kabajaman keessa tokko tapha Qilleeti. Taphni Qillee tapha aadaa Oromoo keessaas isa tokko yoo ta’u, taphni kun tapha muka layii qabachuun bururii mukarraa tolfame fayyadamuun kan taphatamudha.
Tapha Qillee keessatti dorgomtoonni baay’inna walqixaatiin garee lamatti qoodamuun dirree irratti taphatu.
Taphicha keessatti moo’uu fi moo’aamuun baay’inna goolii galteetiin murtaa’a. Ayyaanichi Ayyaanaa dargaggoota biratti hawwiin eeggamuu fi miira dorgommiitiin guuttameedha.
Ayyaanni kun akkamiin guyyaa adda addaa kabajamuu danda’e?
Seenaa Itoophiyaa keessatti roorroo fi dhiittaa Oromoo irra gahaa tureef jiru irraa kan ka’e, guyyaan ayyaanota Oromoo hedduun daddabsamuu danda’aniiru. Akka fakkeenyaatti ayyaanoti Oromoo duraa akka ukkaanfaman taasifaman: Ayyaana Ammasqalaa, Ayyaana Qillee, Ayyaana Bu’ii, fi kan kana fakkaataan maqaa dhahuu dandeenya.
Ayyaanni dhalachuu Yesuus Kiristoos Itoophiyaa keessatti maqaa ayyaan Qillee jedhu kan qabateef sababaaa kana irraa ka’uu mala. Haalli guyyaa ayyaanota Oromoo waliin rukutuu kun uummata Oromoo duraa eenyummaa isaa gatanii halagoomsuu, akkasuma salphaatti cabsuuf mijata herrega jedhu irraa madda.
Ta’ullee dhimma ayyaana Qillee kanaan wal qabatee ragaawwan ka’an akkaataa lakkoofsa baraa Awurooppaatiin guyyaan dhaloota Iyyasuus Kiristoos Mudde 25 yoo kabajamu, Itoophiyaa dabalatee biyyoota 10 ol keessatti ammoo Amajjii 7 kabajama. Kun attamiin uumamuu akka danda’e hayyootni amantaa kan jedhaman yoo ibsan.
Lakkoobsi baraa kan warri mana amantaa Ortodoksii ittiin lakkaawan kan warra Awurooppaatiin addadha jedhu.
Tokkoffaa addaddummaa waggaa torba fi ji’a saddeetiifi sa’atii kudhanii qaba. Lammaffaa tokkoon tokkoon ji’ootaa guyyaan isaan qabaatan addaddummaa qabaata. Tokkoon tokkoon ji’ootaa keessa addaddummaan guyyoota 6 hanga kudhanii ni jiraatu jedhu.
Asittis wanti hubatamuu qabu akkaataan dhaha Oromoon ittiin guyyoota lakka’u, hordoffiin Ji’aa fi Urjii irra dhaabbatee herrega baraa baase hangam gadi fageenyaaf bilchina akka qabu hubachiisa. Lakkoofsi Habashaan fayyadaman dogoggora qabaachuusaa irraa kan ka’e waggaa keessa guyyooti 5-7 lafatti hafi. Haalli kun hanga ammaallee furmaata hin arganneef. Oromoon garuu dursee waan ibse qaba.
Lakkoobsi warra Giriigooriyaan utuu hin jalqabin duraan addunyaan haala walfakkaataadhaan bara lakkaawaa akka turte ni amanama akka Luba Xibebitti.
Haata’u malee, bara 1382tti Phaaphaasii mana amantaa Kaatoolikii kan ture Gorgoriwoos barri rakkoo godhate jechuun irra deebiidhaan akka lakkaawamu murteessan.
Ergasiis waggaa tokko keessa guyyaan 365 fi sa’atiin 6 ni jiraata yaada jedhu kaasuun waggaa waggaan sa’atiin tokko tokko nutti dabalameera jedhu.
Kanaaf, sa’atoonni sunniin walirratti dabalamanii ida’amuu qabu yaada jedhuun Gumii Niiqiyaarraa jalqabee kan jiru itti herregamuun guyyaa 10 guutee Onkoloolessa 5 kan ture Onkoloolessa 15 akka ta’u labsame.
Kanaaf, addaddummaan jiru hir’ataa deemus hamma guyyaa 10 garaagarummaa ni qabaata.
Egaan Itoophiyaan bara Nooh irraa eegalee lakkoofsa baraa jiru utuu hin jijjiirin itti fayyadamaa jirti jedhama.
Kun garuu mana amantaa Kiristaanaa Itoophiyaa qofaaf osoo hin taane manni amantaa Masiriis fooyya’iinsa tokkollee otoo irratti hin taasisin itti fayyadamaa jiru.
Barri geengoo tokkorra tuqaa tokkorraa ka’uun adeemsa lakkaa’uuti kan jedhanimmoo Luba Salamoon Abebe G/Madhiin.
Bara lakkaawu kan jalqabe Kirstanummaa sana miti kan jedhan Lubni Solomoon, Kiristanummaan erga dhufee booda garuu bu’ura amantiichaa isaa ta’e Iyesuus Kiristoos dhaloota isaa ka’umsa godhatanii jedhu.
Sababni isaas waan akka geengoo tookko irratti tuqaa kam irraa jalqabne lakkoofna akka jechuutii. Naana’anii kan walargan haala uumamaatu naana’uu dachee irratti hundaa’uun bara gegeedaru waan ta’eef lakkoofna.
Kanaaf, lakkoofsi Juuliyees, lakkoofsaaf akka toluufiif jecha gara daqiiqaa 44 fi mayikroo sekoondii 56 akkasumaan itti dabaleeraa kan jedhudha.
Booda irra Girigooriin wayita kana sirreessu, wagoota heeddu boodaa daqiiqoonni sun walitti dabalamuun guyyoota dabalataa 10 ta’anii argaman. Girigooriinis guyyoonni kurnan kun citanii haba’aniif ejjenno fudhate.
Sirreessuun kun wayita geggeefamutti, waggoota kudhanitti maayikroo sekondoonni yookaan daqiiqonni kun gara guyyaa guutu ta’uun garaagarummaan kun dhalate.
Nus lakkoofsa Juuliyees isa utuu hin sirreefamiin hafe sana qabanne deemuun ji’oota kessatti sirna aduu hordoofnee guyyota irratti kudhanis, sadeetis, akkasumas waggoota irrattis garaagarummaa uumaa dhufe. Kanaaf, garaagarummaan jalqaba wayita sirreefamu isa sirreefame bakka buusuu dhiisuu keenyaani jedhu.