Ameerikaan marii nagaa marsaa sadaffaa mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduu taasifamu haala mijeessuuf qophii ta’uu ibsite

Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Barreessituu Itti aantuu Dhimmoota Afrikaa kan ta’an Moolii Fii fi Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa Maayik Haamer waliin ta’uun ibsa kaleessa Guraandhala 21 laataniin, mootummaan Ameerikaa “marii nagaa marsaa sadaffaa Waraana Bilisummaa Oromoo WBO fi mootummaa Itoophiyaa waliin godhamuuf haala mijeessuuf fedhii akka qabu ibsaniiru.

Qondaaltonni Ameerikaa kunneen dhimma yaa’ii Gamtaa Afrikaa tibbana gaggeeffame, akkasumas haala yeroo Itoophiyaa, Somaaliyaa, DR Koongoo fi Sudaan keessa jiru ilaalchisee ibsa karaa onlaayinii laatan irratti Ambaasaaddar Maayik Haamer, mootummaa Itoophiyaa “marii nagaaf eeyyamamoo ta’uusaa” dinqisiifachuun, marii WBO waliin taasifamu alatti marii hidhattoota Amaaraa Faannoo waliin godhamu yoo jiraate irratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu himan.

Maayik Haamer mootummaa isaanii bakka bu’uun marii nagaa marsaa lammataa mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduu baatii Sadaasa darbe Taanzaaniyaatti gaggeeffame irratti kallattiidhaan haala mijeessummaan hirmaachuu isaanii yaadachiisuun, “ammallee marii marsaa sadaffaa furmaata waaraa ta’u haala mijeessuuf qophii ta’uu keenya qaamolee lamaaniif beeksifneerra,” jedhan.

Waldhabdee waggoota shanan darbaniif Oromiyaa goolaa jiruuf furmaata laachuuf kaayyeeffatee mariin nagaa mootummaa federaalaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduu marsaa lamaaf Taanzaaniyaatti gaggeeffame waliigaltee malee xumuramuu ni yaadatama.

Ergasii carraa itti fufiinsa mariichaa ilaalchisee waan hedduutu ka’aa ture. Maayik Haamer marii marsaa sadaffaa haala mijeessuuf qophii ta’uu himanis, Gorsaan Olaanaa Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo Jireenyaa Guddataa ”odeeffanoon ammatti karaa idilee nu dhaqabe hin jiru’’ jechuun tibbana BBC’tti himan.

Gorsaa Olaanaa Ajajaa WBO Jireenyaa Guddataa ammallee dhaabni isaanii mariif qophii tahuu himanii garuu hanga yoonaatti qaamni isaan qunname akka hin jirre himan. ”Ammatti waan marsaa sadaffaa jedhamu nuti waan quba qabnu hin jiru’’ jedhan..

Mootummaan Itoophiyaas yeroo garaa garaatti WBO waliin marii marsaa sadaffaa itti fufuuf qophii ta’uu ibsaa tureera. Ministirri Muummee Abiy Ahimad torban lama dura Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti dhiyaatanii dhimma marii nagaa marsaa lammaffaa fashalaa’eefi itti fufiinsa mariichaa ilaalchisee wayita haasa’an, “qallbii isaanitti deebi’anii akkaataa seera biyyattii kabajeen mari’achuuf fedhii yoo agarsiisan, nuti yeroo hunda qophiidha,” jechuun dubbatan.

Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaallee tibbana mootummaan marii nageenyaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin eegalamee waliigaltee malee goolabame itti fufsiisuuf kutannoo akka qabu dubbataniiru. Ta’us hawwaasni fi fayyadamtoonni miidiyaa hawwaasaa mootummaan akka WBO’n Qawwee hiikkatu qofa hawwa jechuun qeeqaa turan.

Akkaataan waamicha araaraa gaggeessitoonni kennan kunis qoccolloo fakkaata, akkasuma inumaa bifa dubbii qabbaneessuun hin dubbatamne jedhamuun qeeqamaa tureera.

Leave a Reply